site advertisement

Manneen Ummataa baraari – Mirga Kee Beeki (Oromo)

Victorian Greens

Manneen Ummataa baraari – Mirga Kee Beeki (Oromo)


Mootummaan Labor Vctoria manneen ummataa diigee laficha ijaarsa dhuunfaatiif kennuuf karoora qaba.

Ijaarsi haaraan manneen ummataa kan of keessaa qabu tahuu isaa waan abdachiise hin qabu. Karoora ammaa jalatti manneen hedduun kan dhuunfaa yeroo tahan manneen hawaasaa (community housing) hanga tokko ni qaba.

Manneen hawaasaa (Community housing):
1) Manneen ummataa caalaa gatiin isaa qaalii dha, galii maallaqaa jiraataan argatu hanga dhibbantaa 30 (30%) taha.
2) Gargaarsa Kiraa Manaa Commonwealth (Commonwealth Rent Assistance) kennu ati argattu ni fudhata.
3) Yeroo hedduu yeroo gabaabaaf sitti kireessama.

Manneen hawaasaa barbaachisaa yoo tahu garuu manneen ummataa kan bakka bu’u miti.

Jiraatotni manneen ummataa hedduun hawaasa isaanii, mana barmootaa fi bakka tajaajila argatan irraa humnaan dhiibamaa akka jiran fi deebisanii manneen haaraan ijaaramanitti deebi’anii galuu isaaniitiif wabiin akka hin jirre yaaddoofna jedhan.

Osoo murtii hin fudhatin dura odeeffannoo hundi siif kennamuuf mirga ni qabda. Mirgi kee:
1) Waan siif hin tahin ykn sitti hin tolin mallatteessuu hin qabdu.
2) Manneen ummataa (public housing) keessa turuu yoo barbaadde ykn mana maatii keetti xiqqaatu, keessa jiraachuuf siif hin taane ykn hawaasa kee irraa fagoo tahe siif kennamu mallatteessuu hin qabdu.
3) Yeroo Homes Vctoria waliin walgahii kamuu qabdu abban seeraa akka si waliin jiraatu qabaatuu dandeessa.
4) Walgahii Homes Victoria waliin qabdu irratti murtii fudhatuu hin qabdu, unk a (form) siitti kennamu fudhattee itti yaaduu dandeessa ykn gorsa seeraa itti gaafachuu dandeessa.
5) Yoo nama afaan siif hiiku barbaadde gaafachuu dandeessa, Homes Victoria wal gahii hunda irratti dhiheessuu qaba.
6) Walgahii Homes Victoria waliin qabaattu kam illee nama si gargaaru, kan akka maatii, hiriyaa (saayiba), abbaa seeraa ykn hojjetoota si gargaaran keessa (support worker) fudhattee dhaquu dandeessa.

Jiraatotni hedduun manneen Homes Victoria kennuuf akka fudhataniif dhiibbaan irra jiraachuu akka itti dhagahamaa jiru dubbatu. Yoo dhiibbaan, horiisaa ykn doorsisni si irraa gahaa jiraachuun sitti dhagahame Miseensa Parlamaa (Member of Parliament) naannoo kee jiru, abbaa seeraa kee yk kan dhimma dhaggeeffatan (Ombudsman) komii kee itti dhiheeffachuu dandeessa.

The Greens, mootummaan manneen ummataa amma jiran akka suphamanii fi wayyeessaman, manneen ummataa haaraan dabala akka ijaaramanii fi namni hundi mana keessa jiraatu abdachiisaa, gatiin isaa rakasha tahe akka qabaatu arguu barbaada.

Jiraatota manneen ummataa keessaa kanneen mana isaanii keessa turuu fi tokkummaa hawaasa isaanii eeggachuu barbaadan hundaa ni deggerra. Yoo mana kee keessa turuu barbaadde si deggerra. Yoo namootni heddumminaan waliin dalagan fi bakka birootti godaanuu didan, bakka silaa lafti ummataa ijaarsa dhuunfaatti kennamu, manneen ummataa bakkatti hambisnee akka mootummaan manneen haaraa dabala ijaaruu dhiibbaa irratti godhchuu dandeenya.

Hawaasa kee waliin taatee mana kee baraaruuf, maqaa, teessoo (address) kee fi dhaamsa “I want to stay” jedhu gara bilbila 0491 618 592 ergi.

Video kun gorsa seeraa miti. Gorsa seeraa tola kennamuuf, giddu-gala seera hawaasaa (community legal centre) sitti dhihoo jiru itti bilbili.

Gorsa seeraa tola kennamuuf:
Inner Melbourne Community Legal: 03 9419 3744
Fitzroy Legal: 03 9328 1885
Lakoysa Bilbilaa Southside Justice Connect: 03 7037 3200

Komii kee gara kan dhimma dhaggeeffatan (Ombudsman) Victoria qunnamuuf: 1800 806 314

View Original | AusPol.co Disclaimer

Have Your Say

We acknowledge and pay our respects to the Traditional Owners of country throughout Australia


Disclaimer | Contact Us | AusPol Forum
All rights are owned by their respective owners
Terms & Conditions of Use